text
stringlengths 0
196k
|
---|
keessaa ba'uu hin dandeenye keessa osoo nu hin galchin asumatti |
dhaabbachuu qaba. Kana gochuufis yeroon isaa ammuma. |
Sababuma kanaaf ture ida'amuun yaada yeroon barbaadu kan ta'ee |
argameef. Jechi ida'amuu jedhu hiikkaa kallattiin itti kennamu qofa osoo hin |
taane dhimmoota siyaasaa fi hawaas-diinagdee biyya keenyaa keessatti |
rakkoowwan nu mudatan keessa darbinee jijjiirama barbaadamu fiduuf |
ida'amuu akka golgaa yaada furmaataatti fudhachuudhaan, filannoo |
furmaataa garaa garaa ani keessatti hammachiisee ilaalu dha. |
Armaan olitti akkuman eeretti, maddi yaada ida'amuu uumamaa fi |
duudhaalee uummata keenyaa yoo ta'an, haalli ittiin dagaagu danda'an |
immoo hojiiwwan qorannoo, barreeffamoota garaa garaa wal-tajjiiwwan |
garaa garaa irratti marii hoggansa dhaabaatiif qopheesse, |
mudannoowwan tibba sanatti mudachaa turan ilaalchisee hubannoo fi |
murtoo mootummaatiif ni fayyada jechuun sanada garaa garaa n ennaa |
sana dhiyeesse, yeroo garaa garaatti hojjattoonnii fi hoggantootni |
mootummaa garaa garaa; akkasumas, barreeffamoota leenjii barsiisotaa |
fi bulchiinsa dhaabbilee barnootaa olaanaatiif dhiyeesse dha. |
Haalli qabatamaa biyya keenyaa ammaan kana jiruu fi akeeka galma isaa |
akeekuu akkuma qabu yaada ida'amuu kana yaada furtuu rakkoo biyya |
keenyaa taasisee yeroon dhiyeessu yaadichi muuxannoo hojii fi seenaa |
jireenya dhuunfaa kiyyaan hidhata qabaachuu bira darbee aadaa fi haala |
jireenya uummata keenyaa; akkasumas, uumama dhala namaa keessatti |
iddoo guddaa qabatee akka adeemu amanuudhaani. Yaadichi bu'uura |
hawaasummaa fi qor-qalbii uummataa irratti hundaa'uun isaa kan |
hubatame waan ta'eef furtuu rakkoo keenyaa akka ta'u shakkii hin qabu. |
Yaada kana barreessuuf wayita ani ka'us, waa hunda bakka tokkotti, |
fuula murtaa'e irratti barreessee nan xumura jechuun yaadee miti. |
Kitaabni kun isa jalqabaati malee isa dhumaa miti; ka'umsa malee isa |
goolabaa akka hin taane akka hubatamun barbaada. |
Tibba dhuma Sirna Moototaa (Zawudaawwii Agazaz, mootii Tafarii yeroo |
gara aangootti dhufanii booda), ejjannoon ltoophiyaan akka biyyaatti |
hordoftu ilaalchaa fi sirna biyyoota Awurrooppaatiin bocame ture. Waa |
hunda akka biyyoota Dhihaa qochuuf yeroo itti socho'an, rakkoowwan |
keenya furuuf tooftaa warra Dhihaa wayita itti hordofne, imaammata |
barnootaa fi dhimmoota biroo, dhugeeffannoo diinagdee fi siyaasaatiin walqabatan gara kan warra Awurooppaatti akka dhundhulu tibba harka keenya |
isaanitti kennanne ture. Warraaqsaan booda adeemsi kunis ni jijjiirame. |
Fuula keenya Ameerikaa fi Ingilizii irraa gara Gamtaa Sooviyeetii fi |
Chaayinaa, biyyoota Lixa Awurooppaa fi Ameerikaa Kaabaa irraa gara Baha |
Awurooppaa fi Baha Fagoo Eeshiyaatti naannessine. Yeroo sanarraa eegalee |
amma har'atti darbee darbee gara biyyoota dhidhimaatti fuula naannessina |
ta'a malee yaad-qalbiin keenya guutummaan kan irra boqote addunyaa gara |
Bahaa irratti. Ta'us garuu, kan duraa caalaa wanti haaraan hin uumamne. |
Hanga gara alaa ilaalle gara keessa keenyaatti waan hin ilaalleef, rakkoo |
biyya keenyaati if furmaata beekumsa duudhaa keenyaatiin waan hin |
barbaanneef rakkoowwan keenya bifa isaanii jijijjiirratan malee hin badne. |
Dhugeeffannoos ta'ee yaadni biraa kamiyyuu bu'a-qabeessa kan ta'u: |
amala, aadaa, tooftaa, haala jiruu fi jireenyaa, ilaalcha, fi kkf hawaasa |
keessaa kan waraabamee fi bu'uura hawaasummaa fi qor-qalbii |
uummataa osoo gadi hin lakkifne kan bocame ta'uu isaati. Kana jechuun |
garuu, warra Dhihaas ta'ee warra Bahaa irraa wanti barannu hin jiru jechuu |
osoo hin taane akka machaa'aa bantuu manaa dukkana keessatti gatee |
bakka ifni jiru barbaaduu qormaata keessaa keenyatti nu mudataniif bu'uura |
hawaasummaa fi qor-qalbii keenya gadi dhiifnee furmaata barbaaduuf ala |
ala ilaaluun nu ga'uu qaba. Biyyi keenya rakkoowwan bara baraaf ishee mudachaa turaniif furmaata kan |
argattu ilaalcha ergifannaa osoo hin sakatta'inii fi hin xiinxalin qaarminee |
biyya alaatii ofitti fudhanne caalaa duudhaalee gaggaarii biyya keenyaa |
asumatti bara baraaf kuufamaniijiran akka ta'e hubachuu qabna. |
Dhugaadha, beekumsas ta'ee muuxannoowwan alaa argannu duudhaa fi |
beekumsa aadaa qabnuun wal-simsiifnee akka nuuf mijatutti mijeessinee itti |
fayyadamuun nuuf haaraa miti. |
Dhimmoota siyaasaa fi hawaas-diinagdee irrattis tooftaalee fi ilaalcha alaa |
argannu boca biyyoolessaa akka qabaatanii fi dhugaa qabatamaa biyya |
keenyaatiin akka wal-simatan gochuudhaan fudhachuun keenya akkuma |
jirutti ta'ee adda-dureedhaan "rakkoo biyyi qabduuf furmaata biyyi qabdu" |
yaada jedhuun adeemuu jalqabuu akka qabnu tasumallee dagatamuu |
hinqabu. |
Gama kanaan, ida'amuun duudhaa qabnu bu'uura godhannee rakkoowwan |
keenyaaf akkamitti furmaata arganna gaaffii jedhuuf deebii kennuuf yaada |
dhiyaate dha. Kitaabni kun dubbii gara fakkaatutti qoqqoodee deebii |
kennuuf kutaawwan afuritti kan qoqqooddaman boqonnaawwan kudha ja'a |
qaba. |
Kutaan jalqabaa dhimmoota ida'amuuf ka'umsa ta'anii fi yaada bu'uuraa |
ida'amuu kan itti dhiyaatani dha. Ida'amuu bu'uura irraa hubachuuf |
fedhii fi dandeettii bu'uuraa dhalli namaa uumamaan qabu ni sakatta'a. |
Itti aanuun, fedhii dhala namaa guutuuf yaadata siyaasaa fi diinagdee |
furmaata akeekan ciminaa fi hanqinoota isaanii ilaaluun qabiyyee fi |
bu'aawwan biyya keenyaaf qaban ni sakatta'a. Dhumarrattis yaad-rimee |
bu'uura ida'amuu ni ifoomsa. Uumama dhala namaa fi falaasama |
siyaasaan dhugeeffannoo fi deebii kanaan dura dhiyaatan jidduu uraa |
jiru yaadni ida'amuu akkamitti guutuu akka yaade golgaa yaadaa |
ka'umsa ta'an ni dhiyeessa. Akkasumas, ida'amuuf dhimmoota gufuu |
ta'an ni xiinxala. |
Kutaa lammataa keessatti, qabiyyeen siyaasaa kan itti dhiyaate dha. |
Yaadni ida'amuu waa'ee rakkoo siyaasaa biyyattii guddicha furuu |
barbaade mootummaa biyyi sirnaan hin ijaaramne keessatti |
dimookiraasii ijaaruu fi lafa qabsiisuun qormaata biyyattii dura |
dhaabbachuu danda'u keessa darbuun, Itoophiyaa dimookiraatoftuu |
cimtuu dhugoomsuuf akkamitti danda'ama kan jedhu dha. Kutaa kana |
keessatti mootummaa cimaa fi biyya dimokiraatoftuu ijaaruuf qormaata |
nu mudatanii fi qormaata kanneen keessa darbuuf dhimmoota wayita |
itti aanu maal gochuu akka qabnu nu akeekan golgaa ida'amuu |
keessatti ilaalamu. |
Kutaa sadaffaan yaadni ida'amuu diinagdee kan keessatti dhiyaate dha. |
Kutaan kun rakkoowwan diinagdee ta'an bal'inaan sakatta'uudhaan |
sababoota cabiinsa bu'uura diinagee ni ibsa. Ga'umsa misoomuu |
ltoophiyaan qabdu sakatta'uun rakkoo diinagdeen biyyattii keessa jiru |
keessaa baasuu fi jijjiirama barbaadamu fiduuf maal gochuutu |
barbaachisa kan jedhu ni akeeka. |